Header Ads Widget

Responsive Advertisement

Ticker

6/recent/ticker-posts

JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF


JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF:

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

❏ Gatii Barbaachisu Baasuu:-

Jireenya qajeeltoo jiraachuu ni jaalanna. Garuu mul'aticha bira gahuuf gatii baasuu baay'een keenya hin barbaannu. Wanti gatiidhaan argame baay'ee namatti tola. Kunuunsaniis qabatu.


❏ Dhiibbaa Uumuu:-

Jireenyi dhiibbaa uumuu gaafata. Dhiibbaa hin uumtu taanan dhalachuun kee maal fayyada. 


❏ Dheekkamuu:-

Yeroo tokko tokko wantoonni hundi akka yaadame ta'uu dhiisuu danda'u. Hin dubbattu taanan warra hin jirre irraa maaliin adda taata? 


❏ Hiriyaa Gaarii Qabaachuu:-

Namni karoora jireenya qajeeltoo jiraachuu qabu nama hundumaan fira miti. Warra isa waliin hin hiriirre waliin tarree hin taa'u. 


❏ Humnaa ol yaaduu dhiisuu:-

Humnaa ol yaaduu fi dhiphachuun sammuun akka jeeqamu godha. Kunimmoo dandeettii waan haaraa uumuu ni hir'isa.

❏ Karoora jireenyaa qajeeltoo namni qabu kaayyoo isaatiif malee miira isaatiif hin bitamu.


👉Yeroo_Dansaa_Qabaadhaa

👉Dubbisa_Gaarii

  By Umar Jamaal

Post a Comment

0 Comments