👉Ani jechoota; hin dandeessu, ni kufta, hin milkootuu, kun ulfaataadha jedhan dhaga'uu hin jaalladhu.🙅
Ani mucaa dargaggoota ol adeemoo lama irraa dhalateedha. Jechuun abbaankoo fi haati koo ijoollummaatti wal fuudhan. Abbaan koo maatii bulchuuf bilchina ga’aa hin qabu ture waan ta'eef haadha koo waliin wal fuudhanii yeroo gabaabduu keessatti wal hiikan. Haati koo dabartee nama kan biratti heerumte. Amman of barutti abbaa buddeenaakoo jalan rafaa ture. Ergan of baree booda immoo gara baadiyyaa akaakayyuu koo bira deemen, isa hojii qonnaan gargaaraa dirree magariisaa keessaa fiigee taphachaa guddadhe. Horii qe'ee sooruu fi wal'aanuun hojii koo idilee ture. Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baradhutti mana ‘Burger’ keessatti qacarameen daabboo tolchaa ture. Tarii kun namoota kaaniif hojii salphaaf gad aanaa fakkaachuu danda’a ta'a. Anaaf garuu kollejjii leenjii fi hojii guddaa ture. Bakka kanatti maamila haalan keessummeessuu, nama gammachiisuuf hojii namoota gammachiisu hojjechuu, akkaataa itti waantoota to’atanii fi karoora ofiitti fayyadaman hundumaan bare.Waantoonni nuti hojjennuu fi bakki nuti keessaatti hojjennu akka ilaalcha namootatti tuffatamaa, xiqqaaf kan waa’ee hin baafnee ta’uu malu. Garuu haalan yoo hubbannee ilaalle waan hedduu nu barsiisuu. Nuti namoota hubatoo yoo taane isa nuuf ta'ee fi nu irratti ta'e hundumaa irraa waan barannu qabna.
An barnoota kootti barataa cimaan ture. Yeroon Yuuniversitii seene muummee saayinsii uumamaa keessaa Fiiziksii na ga’ee. Hojii humna hojjechaa waanan baradhuuf qayyabachuuf carraa bal'aa hin arganne. Kanaaf gaaffii tokko deebisuuf waanti baratootni daqiiqaa muraasatti xumuran anatti sa’aati dheeraa fudhata ture. Kana irraa ka’uun hayyuu Fiziksii ta’uu akkan hin dandeenyen beeke. Nan murteesses. Ergan murteesseen boodas yaada koo gara Kompiteer saayinsii barachuuttan deebise. Baradhee xumureen isaanis eebbiifame. Kompiteeraan ergan eebbifame booda dhaabbata garaagaraa keessaa hojjedheera. Booda waanti kunis akka nan in baafnen hubadhe. Yeroo sana interneetiin akka addunyaatti fudhatama guddaa argataa waan dhufef akkamitti itti fayyadamuu akkan qabun itti yaade. Yaanni tokkos na keessa bule. Yaanni na keessa bule kunis kitaaboota ‘online’ gurguruudha. Istoorii kitaabaa kana 'Amazon’ jedhee moggaaseen hojii isaa eegale. Yeroo ani jalqabu namni jabaadhu hojii gaariidha, si baasaasii nan jedhe hin jiru ture. Dhibbantaan 70 ol kufaatii koo fi hojicha itti fufuu akkan hin dandeenye odeessu turan. Ani isaaniin hin dhaggeeffaanne. Gurrii koo abjuu koo isa na keessaa natti wacuu sana qofa dhaggeeffata ture. Hojichi itti fufe. Bara 1999 G.C dhaabbanni xiqqaan dhimma baasa jedhamee hin yaadamne kun galii doolaara miliyoonaan naaf galchuutti ka’e. Baruma sanas nama dhiibbaa guddaa fide jedhameen badhaasa argadhe. Amma immoo dhaloonni sooressaa addunyaa jedhee na waama. Ani jechoota; hin dandeessu, ni kufta, hin milkootuu, kun ulfaataadha jedhan dhaga'uu hin jaalladhu. Qooda kanaa; namoota jabaadhu. Waantichi cimaadha garuu ati ni dandeessaa itti fufii yaali. Cimii hojjedhu jedhan dhaga'uutu natti tola. Namoota akkas nan jedhaniin jaalladhas. Seena gababaa hundeessaa fi abbaa qabeenyaa '
#Amazon_Jeff_Bezos'.
Waan Dubbiftaniif Galatoomaa.
0 Comments