SEENAA AJAA'IBAA
Felix B
Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter.
Felix umurii ijoollummaa isaa waggaa 15niin dura mucaa abaaramaa, kan maatiif hin ajajamne, yeroo hunda bakka badii kan ooluu fi barnootattis baay'ee dadhabaa kan tureedha.
Manaa baruumsaa itti baratu keessaa namni sadarkaadhan isaa gadi ta'e hin jiru. Maatiin isaa warra sooressa jedhamuun biyyattiitti maqaa guddaa qabaniidha. Daldala warqeen kan beekaman harmeen Felix qabeenya hedduu kuufachuun jireenya gaarii jiraatu. Abbaan isaa mana Kitaabaa guddaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuun dubbiftoota hedduu horachuun sammuu namaa hedduu dammaqseera.
Feelix hanga kutaa 6 gahutti hangas mara nama sammuu sirrii hin fakkaatu. Faallaa waan deemuuf, Isaaf "godhiin dhiisii yoo ta'u, dhiisiin immoo godhiidha. Firaa fi hiriyyaan hunduu yoo gorsan gurra ittiin isaan dhagahu hin qabu.
Feelix jechuun afaan iskootishitti rakkisaa jechuudha.
Badee hin badne Feelix isa "yaadni galgala dhufa, humni ganaama dhuma" jedhantu ta'e.
Feelix tiif yaanni galaafii dhufe. Kitaabota mana kuusaa abbaa isaa keessa jiru dubbisuu amaleeffate. Keessumaa kitaabni Marklin Verd barreeffame kan "Wak Dod" yookiin Wal barra jedhu Felixin ijaaree.
Kitaabichi ogummaa guddaan kan barreeffame yoo ta'u Markliin fi Felix walbarsiisee hiriyyoota isaan taasise. Feelix yaada Markliin guutumaa guutuutti yommuu amanu nama qajeelaa ta'uu danda'e.
Argitee! Kan eenyuyyuu jijjiruu dadhabee itti dhiise kitaabni tokko salphaattii jijjiruu isaa. Akkuma Kitaaba Marklin dubbisee xumure baatii tokko booda Kitaaba "Istai magki perusie" yookiin "Gaaddidduu kooti" jechuun barreessee maxxansiisuun gabaarra oolchee beekamtii guddaa gonfate.
Kitaabni isaas Doolaara Ameerikaa miliyyoona 1.7n gurguramee wanta ajaa'ibaa jedhame. Dubbistoota hedduu horachuun jaallatamummaa olaanaa argate. Baruma walfakkaatu keessa kitaabota falaasamaa, asoosama, walaloowwan fi kan kana fakkaatan 13 barreessee maxxansuun gatii gaariin gurgurate.
Barnoota isaattis barataa cimaa ta'uun Waggaatti badhaasa sadi argate. Dargaggoota yeroo gabaabatti jijjiraman jedhamuun akka biyyaatti badhaasa guddaa fudhate. Bifuma wal fakkaatuun waa'ee seenaa isa darbee sana barreessee kitaabolee 4 maxxansiise.
Seenaa beekuun seenaa hojjechuuf
❤️❤️ Mo'achuuf 🌹 dhaladhee 🌹 maalee 🍀 mo'amuuf 🌹mitii ❤️❤️🌹🌹.
By oromiateck.blogpost.com
0 Comments