𝐒𝐄𝐍𝐀𝐀 𝐁𝐀𝐀𝐑𝐎𝐎 𝐓𝐔𝐌𝐒𝐀𝐀 (1942
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du'aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan.
𝐁𝐀𝐑𝐍𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐈𝐒𝐀𝐀
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayila Sillaasee I (Yuunivarsiitii Finfinnee ammaa) jedhamuun beekamurraa barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa'aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta'uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta'uudhan hojetaa ture.
𝐐𝐀𝐁𝐒𝐎𝐎 𝐊𝐄𝐒𝐒𝐀 𝐒𝐄𝐄𝐍𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀
Baroota kana keessatti baay'inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, arruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal'aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba'uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta'uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada 'lafti qoteebulaaf' jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka'e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo Tumsaa ture. Goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka'e.
Jijjiiramni inni fides Oromoo qofaaf utuu hinta'iin, bittaa warra abbaa lafaa jala turan hundaaf akka ta'e seenaan ni dhugoomsa. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf ana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu'aa ta'eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.
Haalli Baaroofi garee hojjetootaa kanaa namootni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyaniiru. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata'u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef waldaan maccaafi tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef 'Waldaa Dhaaba Dhidheessaa' jedhu uume. Mul'anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hin laanneefiif yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hin jilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne.
Baaroo Tumsaa sochii hedduu taasise cinatti bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jiranii bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamani. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yommuu ta'an, abbaan isaanii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho'aadhaan waan kabajameef diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Dargaggeessi lammiisaatiif akka guddaatti inaaffaa garbummaa hunkuteessuuf qabatee ka'e kun tarkaanfii diinaa kan itti caalchisaa deemeefi akka malee sodaachisee gara isa dhabamsiisuuf ka'ame sochii bara 1966 ka'e akkanni karaattti hafuuf gumaacha taasisera. Amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti kan dubbifamuufi jaallatamu (The Oromos voice against tyranny document 1971) kan jedhu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga'u taasiseera.
Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hin taane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga'aa ture barruun kun of keessatti waan qabattee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972 tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo'atee yeroodhaaf gaazeexaan 'Bariisaa' jedhamu qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.
Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaawu malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay'inaan waa'ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har'a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga'uuf kaayyoo balla'aa baasuudhaan wiirtuu Qaama Qindoominaa (Central Coordinating Body) dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.
Bara 1974 daba mootummaan Hayile Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa'e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta'ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta'iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqrsaan irra ga'aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala'ansoo saba balla'a cunqursamoota Itoophiyaa 'Ye Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigil' jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dargiin dhaaba 'EMALEDHI' jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay'een gara qabsootti seenuu jalqaban.
𝐃𝐔'𝐀 𝐈𝐒𝐀𝐀
Bara 1974 tti hundaa'ee baha Oromiyaa keessatti soch'aa kan ture Dhaabni Bilisummaa Oromoo qabsaa'ota hedduu horachuu danda'ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977 tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35tti dinaan ajjeefame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira. Diinni oldeemtota Oromoo karaatti hambisuun isa duras ta'ee isaa asitti kan itti fufaa turedha.
Akkaataa du'asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hin kennamne. Haata'u malee, du'a Baaroo booda namootni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hin taane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kan ka'e dhaaba saaniitiifis ta'e uummata saaniitiif ta'uu dadhabuudhaan ummata qaanessanii jiru. Kaayyoo innii fi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hin kennamne.
Dhiigni Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaagamaa Badhaanee fi dhiigi goototni Oromoo hedduun bilisummaafi dagaaginaan guutuummaa Oromiyaa keessa walgayee jira. Seenaan gootota Oromoo sirna diddaa garbummaatiif qabsaa'aa turanii bara baraan gabatee seenaarra hin dhabamu. Dhiigni dargaggoota Oromoo harka diinaatiin dhangalaafame bilisummaa goolee bantii lafaa hundarratti finiinu argamsiisuu akka danda'u firaafi diinni Oromoos wallaala natti hin fakkaatu.
𝑮𝑼𝑴𝑨𝑨 𝑲𝑬𝑺𝑺𝑨𝑵 𝑫𝑯𝑨𝑳𝑶𝑶𝑻𝑨𝑻𝑼𝑼 𝑩𝑨𝑨𝑺𝑨 !!
Oromiyaan lafee goototaatin ijaraamtee
𝐺𝑎𝑙𝑎𝑡𝑜𝑜𝑚𝑎𝑎
𝐵𝑎𝑟𝑎 𝐵𝑎𝑟𝑎𝑎𝑛 𝐼𝑠𝑖𝑛 𝑌𝑎𝑎𝑑𝑎𝑡𝑎 𝑆𝑒𝑛𝑎𝑎𝑛 !!
𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒏 𝒏𝒖 𝒄𝒊𝒏𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂 🙏
🍃𝐃𝐇𝐈𝐘𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀𝐍 oromiateck.blogpost.com
0 Comments