Pireezidaantiin MNO haaraa filataman Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa taasisaniin.
//
Ummanni Oromoo Saba guddaa Gaanfa Afriikaa ta'ee osoo jiruu, eenyummaan isaa sarbamee cunqursaa waggaa dhibbaa olii jala ture jedhan. Ummanni kun, qabsoo hadhaawaa taasiseen dukkana keessa ture keessaa bahuun qaanqee bilisummaa arguutti jira jedhan.
Ergama natti kenname jaalleewwan koo waliin ta'uun amanamuumaafi kutannoo olaanaadhaan ummatakoo tajaajila jedhan. Deemsa hanga ammaatti dhufneen qormaatilee walxaxaa alaafi keessaa nu mudatan deeggarsa ummata keenyaan keessaa qaxxaamurree har'a geenyeerra jedhan.
https://oromiateck.blogspot.com/2021/09/pireezidaantiin-mno-obbo-shimallis.html
Hojiilee gurguddoo injifannoon ceene keessaa tokko Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 6ffaa yomuu ta'u seenaaa biyya keenyaa keessatti filannoo dimokiraatawaafi haqni itti mo'ate, shirri diina keenyaa immoo kan itti fashalaa'e waan ta'eef, carraa kanaan ummata keenya rakkoo hedduu keessa dhaabbachuun injifataniif Caffee fuulduratti ulfina olaanaan galchaafi jedhan Obbo Shimallis.
Mootummaan haaraa ijaaramu ergamoota gurguddoo hedduutu fuula durasaa jira. Kunis, shira diinota keenyaa fashaleessuun abjuu diinota keenyaa dukkaneessuufi nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuudha. Gama biraan, deemsa imala badhaadhinaa milkeessuun hojiiwwan ijoo hojjennudha.
Kallattii misooma diinagdeefi hawaasummaa irratti kan hojjannuufi Sabboonummaa Oromummaa keenya qabannee ummata beekumsaafi diinagdeen ofdanda'e, ceehumsa teeknoloojiin badhaadhe taasisuuf waggoota shanan dhufan xiyyeeffannoo olaanaan ni hojjanna jedhan.
Waggoottan itti aanan keessatti diinagdee magariisa, diiangdeefi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun hiyyummaa hir'isuufi qaala'iinsa jireenyaa irratti xiyyeeffannee ni hojjanna jedhan. Dhaloota ofitti amanu horachuuf walgahiinsaafi qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffannee ni hojjanna jedhan.
Tarsiimoo dhibee dursanii ittisuufi kan dhibame yaalanii fayyisuu irrattis xiyyeeffannee kan hojjannu ta'a jedhan. Magaalonni keenya hojimaata badaa irraa bilisa akka ta'aniif xiyyeeffannee hojjanna jedhan.Sochii Invastimantiifi magaalomsuu irrattis qonnaan bulaan, abbootiin qabeenyaafi dargaggoota keenya qabannee ciminaan kan hojjannu ta'a. Sirna haqaa keenya mirkaneessuu, kenniinsa tajaajilaafi rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf tumsa hawaasa keenyaa waliin xiyyeeffannaa addaan hojjanna.
Daangaa Naannolee ollaa irratti Piroojeektota Misoomaa hojjachuun hariiroo obbolummaa cimsuuf hojjachaa akkuma turre ammas, Oromoof firaafi obbolummaa dabaluufi cimsuuf ummattoota obbolaa nu daangessan waliin xiyyeeffannoo addaan kan hojjannu yommuu ta'u, kunimmoo haasaa qofaan osoo hin taane gochaan agarsiifna jedhan.
Karoorri keenya waggoota itti aanuu baay'ee hiixataa kan ta'eefi hojiitti hiikuuf tumsa ummata keenyaa nu barbaachisu ta'uun hubatamee bonaa fi ganna osoo hin jedhiin gurmoofnee hojjachuun badhaadhina maatii milkeessuu qabna jedhan.
Itti fufuunis, Qeerroofi Qarree Oromoof, dubartootaafi haadholii Oromoof, hayyoota, qaamolee nageenyaa, hojjettoota mootummaa naannichaa, diyaasporaa ala jirtaniifi dhalattoonni naannichaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Irreechi Dhufus Kan Milkii Nuuf Haa Ta'u Jedhan!
0 Comments