Header Ads Widget

Responsive Advertisement

Ticker

6/recent/ticker-posts

Think win win

 📚4. Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win). 


Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis ta’e waanuma 

kamuu keessatti kophaa koon moo’ee argamuu qaba 

jedhanii yaaduun barbaachisaa miti. Hamma dandeessu 

fedhii kee qofa osoo hin taane fedhiin nama/ 

qaama kan birootis akka guuttamuuf waan dandeessu 

gochuuf yaali. Yoo tokko mo’ee waan hunda ofumaa 

argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti 

mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuu malu. 

Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis 

yaadun gama tokkoon michoonni keenna akka baay’atan 

gama birootiin immoo nutis gammachuudhaan hawaasa 

keenna waliin akka jiraannu nu gargaara. Fakkeenyaaf 

namni waa daldalu tokko maamila horachuu yoo 

barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in 

fedhii fi miira maamila isaa san beekuu fi fedha san 

guutuu danda’uu qaba. Gaafa fedhii keenna malee jennee 

fedhiif miira maamila keennaa irraanfanne boru maamilli 

keenna nu gatee nama meeshaa nuti gurgurru 

nurraa bitu akka dhabnu taasisa. Kun immoo kasaaraa 

daldalaa akka nutti fidu dagachuu hin qabnu Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu 

goggooginsaf ofittummaa ofirraa fageessudhaan waan 

nuufis qaama kan birootifis toluu dandahurratti 

xiyyeeffachuun faayidaa guddaa nuuf qaba. As biratti 

yaada baay’ee na ajaa’ibe tokkon siif qooda. Innis waa’ee 

‘Herrega Baankii Miiraati’. Herrega baankii kanaan 

barreessaan kitaabichaa “Emotional Bank Account” 

(Herrega Baankii Miiraa) jedha. Yaadrimeen isaa 

Herrega Baankiitiin walfakkaata. Hariiroon ati 

namootaan waliin qabdu akka waan kuusaa maallaqa 

baankii miira keetiiti. Yeroo kee fudhattee yoo waan 

gaariidhaan kunuunsite qabeenyi ati herrega san keessaa 

qabdu ni dabala. Yoo miira kee toohachuu 

dadhabdemmoo herregni kee garnalen hir’ata. Hariiroo 

Jireenyaa namootaan waliin qabdu keessatti waadaa kee 

eeguun, dhugaa dubbachuun, iccittii eeguun, 

goggogdummaa ofirraa fageessuun, waan an jedhe malee 

jechuurraa of eeguun, jechoota miira namaa eegan 

fayyadamuun akkasumas namoota hubachuudhaaf yaalii 

godhuun qabeenyi nuti Lakkoofsa Herreggaa Baankii  Miiraa keenna keessaa qabnu akka dabalu godha. 

Adaduma faallaa kanaatiin socho’uu eegalluunis 

qabeenyi nuti herrega keenna keessaa qabnu ni hir’ata. 

Kanaafuu hamma dandeette hundaan Herrega Baankii 

Miira Keetii keessatti qabeenya guddaa kuufadhu. 

Qabeenyi ati kuufatte kun immoo jireenya kee keessatti 

akka baay’ee si fayyadu hin shakkin . 


Yeroo gaarii qabaadhaa

Post a Comment

0 Comments